Back

Explore every episode of the podcast Egeree Oromiyaa- EOs Podcast

Dive into the complete episode list for Egeree Oromiyaa- EOs Podcast. Each episode is cataloged with detailed descriptions, making it easy to find and explore specific topics. Keep track of all episodes from your favorite podcast and never miss a moment of insightful content.

Rows per page:

1–50 of 198

TitlePub. DateDuration
ABOn waggoota 50n darban Oromoof Hoomaa hin hojjanne.” Abiy Ahmed akkas jedhe. Dhugaa dhaa?12 Nov 202401:34:58

aanaa2013@gmail.com

“ABOn waggoota 50n darban Oromoof Hoomaa hin hojjanne.” Abiy Ahmed akkas jedhe. Dhugaa dhaa? Abiy Ahmed Maalif akkas jedhe? Dhuguma ABOn Oromoof waa hin goonee?
Kanaa fi kan kana fakkaatan irratti keessummoota Egeree Oromiyaatu dubbata. Caqasaa.
  ABOn Oromoof homaa hin hojjannee?


Amma dhaloota ( siditu iddoo kana jirra) Dhaloota gaafa ABOn bu’uramu turan, dhaloota jidduu fi dhalota si’anaa ( Dhaloota Qubee)

Kanaaf mee dhaloota duraa irraa kaana,

1. Osoo ABOn hin bu’uramin ykn hin  dhalatin Oromoon maal keessa ture Dr. Dagafaa ?

2. ⁠J/ Milkeessaa, ABOn maal faa hojjatee waggoottan shantamman darban ?

3. ⁠Dr. Caalaa: ABOn homaa hin hojjanne osoo hin taanee ergamaa fi mul’ata ( Vision and mission) isaayyuu xummuree sadarkaa biraa keessa jira kan jedhan jiru. Ati yaada kana akkamiin ilaalta? ( karaa afaanii, aadaa fi duudhaa ganamaa, karaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa) mee kana dhaggeeffattoota fi dawwattoota keenyaf ibsi.

4. ⁠Dr. Dagafaa gaaffilee jaallan lamaan of dhiyaate irratti waa dabalaa mee akkasumas, Osoo ABOn hin jiraannee OPDnu hin uumamtu, OPDOn subis dsrdartee qabsoo bilisummaa Oromoo buttee hardha sadarkaa kanatti hin dubbattu kan jedhan jiru maal jettu isin?

5. ⁠J/ Milkeessa: Abiy ABO waliinan hojjachaa ture jedhee ture…dhuguma ABOn homaa hin hojjanne yeroo jedhu olola siyaasaa ti moo  maalif kana jedhe jettee yaadda? Deebii le karaa jaarmiyaa di ilmaan Oromoo maqaa ABOtiin dararamaa turanii hoo maal tahuu qaba ture?

6. ⁠Dr. Caalaa, dhimma kana qajeellotti deebii kennuun maalif barbaachisa? Eenyun dhugaa kana hubachiisuuf deemna?

Support the show

Oromo Intellectual Society (OIS) conference, Part #121 Oct 202402:51:10

aanaa2013@gmail.com


Gurmuun Hayyoota Oromoo (GHO/OIS),
Mata-duree “Burjaajii fi Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo: Sirna Badii Impaayeraa if Gahee Qaroo (Elite) Oromoo” jedhu jalatti Seminaara marii qopheessee jira. 

Sirni koloneeffataa, uummata gabroomfatee hacuuccaa isaa jalatti tiksuuf, tooftaa fi tarsiimoo dhaabbatoo garagaraatti dhimma baha:  1) Shororkessuu, saamuu fi hiyyoomsuu; 2) qoqqoodee bulchuu; 3) afaan, aadaa, seenaa, waliigala eenyummaa sabichaa dhabamsiisuu fi burjaajessuu; 4) qaroo sabichaa dhabamsiisuu, sirna ofii fudhachiisuu ykn malaanmaltummaadhaan takaalee akka saba isaaniif hin dhaabanne godha. Kunneen imaammatoota koloneeffataan ittiin beekamu, kan sirni Itoophiyaa baldhinaan saba Oromoo irratti geggeessaa ture fi jiru dha. 

Seminaarri GHO kun tooftaa sirni PP hardha Oromoo ittiin gidirsu keessaa waan lama irratti xiyyeeffata:  
A)    Olola Maqaa Nagaa fi Araaraa Qabatee Deemu
B)    Daddaaqamuu Hawwaasa Oromoo Biyyaa Alaa (fi Keessaa)
Kunneen jalatti, olola PP’n maqaa “Nagaa” fi “Araara” jedhuun uummata burjaajessuuf yaaltu ifoomsuu; akkasumas murni kun, qabeenya (resource) qabdu fi kan itti liqeeffattu mara dhangalaastee, golee qabsoo fi hawaasaa keessatti burjaajii fi jeequmsa uumuu yaaltu irratti uummata dammaqsuu irratti xiyyeeffata.

Support the show

Walaloo21 Sep 202400:05:42
Poem: My poor mother21 Sep 202400:05:21

aanaa2013@gmail.com

My Poor Mother


My poor mother, the one and only I love,

These days you are constantly in my thoughts,

I can’t sleep or find rest,

Preoccupied with worry about the impending fate,

Thinking of what the pandemic might unleash upon you,

Asking myself so many questions, wondering how you will fare,

Filling in the blanks with observations and facts.

I fear for you, should the pandemic conquer your heart.

You may not have the strength to defend yourself, your home, your core.


Your grown children, with potential and capability, have left—

Fled to distant lands, seeking safety or driven by greed.

Your doctors are not here to care for you,

They, too, have gone abroad, seemingly indifferent to your plight.


How will you bear the losses you are bound to face?

What are you doing to protect your children in this critical time?

What are you doing, dear mother?

My beloved, my poor mother,

Let me hear your pain,

Let me listen to your story before one of us sleeps for eternity.


Even now, we see that the rich and powerful nations

Cannot protect their own people.

It seems the more civilized they are, the greater their loss.

They create powerful, modern, computerized weapons to destroy,

But they fail to produce the vital vaccines needed in this crucial time.

They satisfy human desires, making life seem limitless,

They go to the Moon, to Mars,

Dreaming of one day living there.

Yet, they cannot stop their people from dying of COVID-19.

That is why I worry about you, about my siblings.

So, my poor mother, tell me:

How prepared are you for the losses to come?


You know well how your leaders are corrupt,

Conspiring against the masses for their own interests and ego.

They barely work together to find solutions for the problems at hand.

How will you bear the loss of your poor children,

When they don’t care for one another,

When they are indifferent while their siblings die?

Do you think they will change their ways and protect each other?

Do you think they can be generous, learn to survive together?


My poor mother, you don’t have the power or the knowledge to protect them.

Their lifestyles expose them, make them vulnerable.

They lack the materials needed to safeguard themselves.


You’ve already seen how this pandemic is taking lives worldwide,

How even the richest, most developed nations cannot fight back.

So, my poor mother, how will you fight to save your children?

Do you have any advice for them in these dark times?

Have you glimpsed hope, any dreams of better days for your children?


Mama Africa, may the Almighty Waaqayyoo bless and protect your children.

I am so desperately worried, I cannot sleep or rest,

Fearing the infection will reach your children.


My only beloved mother, may the spirits of our ancestors protect you and your kin.

May the Almighty spare me from witnessing the death of my brothers and sisters,

Of your children.

I pray that God will save our world from such devastation and death.

I wish you a long and healthy life,

And may your innocence shield you from this evil.


2020-06-08

Written during the outbreak of the so-called COVID-19 pandemic


Support the show

Hiriira Siyaasaa Gaanfa Afrikaa Oromoo21 Sep 202401:07:26

aanaa2013@gmail.com

CBB: Fullbaana 21/2024-Mata duree Hiriira Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Oromoo jedhu irratti waliin dubbii Dr.Caalaa Olaanaa waliin goone hordofaa


Hiriira Siyaasa Gaanfa Afrikaa fi Oromoo
 
Yaada asii gadii haala jiru hunduu quba ni qaba garuu eessa jirra jennee of gaafachuun hin baduu.
 
Somaaleen, kana dura Eritriyaa duukaa lola Abiyyi ahmediif maabara seentee waraana ergaa turte har’a ammo salphoo soqolattee salphinaan gargaaru akka jedhamu, saayiba ishee isa Itoophiyaa hunkurutti quba qabdee jirti.
 
Haala amma dhalate yoo ilaalle gabaabsinee
 
1.     Somali-land, biyya hawwii bilisummaa guddaa qabdu, osoo bilisoomtees ishee malu. Garuu harka seexanaa buutee nagaashee duraan qabdullee of hunkuruuf herrega siyaasaa dogogoraatiin michummaa sheexanaa dhaqxe dha. Haalli ishee nama gaddisiisa. Dogoggora seenaa itti tahuuf jira adeemsi isheen alana deemte.

2.     Somaaliiyaa, biyya nagaa hin qabne dha. Addunyaatu beeka kana. Ammoo firoota hin qabdu jechuu miti. Firootni isheen qabdu qofa osoo hin taane, warren kallattii adda adaan Itoophiyaan sun akka nagaa dhabduu barbaadaniifis biyya maraatuun bultu sanatti adaba gochuu inuma hawwu. Carra sanaan Somaaliyaatti michoomuun keekii bareedee qophaahe akka argachuuti.

3.     Egypt (Misrii), haalli hidhaa laga Abbayaa kan yeroo hunda ishee cinqu, misir itoophiyaan biyya tasgabbii qabdu akka taatu hin feetu. Kanaaf ragaan Biraanuu naggaafaa warra irraa doolaara guurrataa ture caalaa hin jiru. Kanaaf Biyyi Egypt, har’a meeshaa waraana Somaaliyaatti guuruun, dinagdee fi kkf tiin deeggaruun Somaaliif carraa addaati

4.     Eritrea, namichi ani gamna jedhuu boor hin beekne, Isaayyaasiin waamee akka haadha manaatti qubeelaa harkatti akka kaahuuf taa’e lola Tigraay itti fayyadamee ari’e. kun aarii guddaa dha. Isaayyas lubbuun osoo jiruu kana ijaa bahachuuf waan isa fayyadu kamiinuu ni raawwata. Kanaaf Egypt fi Eritrean ammatti cidha waraanaa Somaaliyaan itti jirtu kanaaf dura bu’ummaan hojjechuutti jiru.

5.     Gaheen Eritrea maali? TPLF duukaa araara buusuu, Faannoo durumaan leenjisuuf hidhachiisu jabeessuu, TPL fi Faannoo hoogganuun lola haaraa kana keessatti gahee biyya sana abba bushuu fi akkamitti akka bushuun irra jiru irratti hojjechuu, yaada kanaaf ammo TPLF badii kana dura Shaabiyaa irratti dalagde yoo dhiifte nuti isaaniin michuummaa jabeeffachuuf qophii dha jedhee jira. Egaa Abiyyiif bale gizoonni, TPLFn lamatti hirree carraa kana hanbisna jedhanii dhamahaa jiru. Gareen Geetaachoo fi Gareen D/Tsiyoon ammatti waldhabdee jabduu qabaataniiru. D/tsiyoon genociden ragaan hin jiru hin taane hanga jedhuutti gaheera. Bilchina siyaasaa isaa agarsiisa. Genocide tahuu adunyaatu beeka, garuu ammatti gareen Geetachoo kan kaleessa taheef haqa hin fidne, ittiin qofa uummata Tigraay sodaachisee, uummatichi jiilee harka Abiyyitti akka laadhatuuf dhamahaa jira. D/Tsiyoon ykn TPLF garuu garee gantuu kana of keessaa ari’anii jiru. Inumaa waan Genocide tiin uummata hin shororkiin jechuutti jira. Kana jechuun haqni uummata Tigraay hanga kabajamutti lolas tahu ni lollaa fakkaata. Kanaaf Yaadni Egypt diinota PP walitti fiduu ni dhugooma jechuudha. Garii keenyaaf jarri kun akka hin fayyineti walmadeessaniiru akkamiin jechuu dandeenya. Garuu siyaasni madaa sana lakkaa’uu osoo hin taane waan kaayyookee galmaaf sii gahu kamiinuu fayyadamuu dha. Ammoo isaanis raakoon isaanii Abiyyiin loluun booda hiikatee dhumeera jechuu miti, garuu ammatti diina hundasaaniif soda tahe qabu, Shaabiyaan haala Kanaan yoo Abiy Tigraay fi Amaara dhuunfate, galaana diimaa isaanii qofa osoo hin taane biyya isaanii itti wareegama hadhaahaa kamiinuu kaffalan illee dhiisuuf akka hin jirre sirriitti beeku. Kanaaf sheexana waliinillee taatu, isa kana d

Support the show

Itti baha Kora Miseensota ABO godina Awurooppaa ilaalchisee marii SBO waliin barreessaa fi waloo Caalaa Hayiluu tassade.25 Jul 202400:50:24
Tiktookeroonni Haala jedhuu irratti maal jedhan?21 Jul 202400:26:18
Dabaa fi Dhiibbaa dhaabbataa Hordftoota Amantii Waaqeffannaa irraan gahaa jiru02 Jul 202401:11:14

aanaa2013@gmail.com

Dabaa fi Dhiibbaa dhaabbataa Hordftoota Amantii Waaqeffannaa  irraan gahaa jiru ilaalchisee Keessummoota lama biyya Kaanadaa irraa abbaa Hayyuu fi abbaa Odaa waliin marii goone caqasaa

Support the show

Yaakka sanyii duguuggaa Oromoo Tuullaamaa, GG Oromiyaa keessati addeema j02 Jul 202401:20:17

aanaa2013@gmail.com

Yaakka sanyii duguuggaa Oromoo Tuullaamaa, GG Oromiyaa keessati addeema jairy ilaalchisee marii J/Ayyaanaa fi barreessa Caalaa Hayiluu gaggeessan caqasaa 

https://www.youtube.com/live/tW9LjoyIPBw?si=XXMPk7M9MVFUC91L

Support the show

#Ep #4, Conversation with Dr Degefa Abdiisaa, former director ctor of Black Lion Hospital and freedom fighter as well human rights defendant21 Jun 202401:15:21

aanaa2013@gmail.com

#Ep. #4: Dr. Degefa Abdisa's life experience and his contribution to Oromo's struggle for freedom!


Support the show

OROMOON MIIDIYAA QABAA?29 May 202401:43:08

aanaa2013@gmail.com

Caamsaa 29/2024- MDHO- Qabsoo bilisummaa Oromoo fi barbaachisummaaa Miidiyaa, Marii maati Miidiyaa Dhaddacha Oromoo- MDhO  waliin goone caqasaa

Support the show

Qabsoon Bilisummaa Oromoo dhuguma Xummuramee?21 May 202401:03:56
Raayyaa Abbaa Maccaa wallee bara durii19 May 202400:05:03
Gatiin Gootaa meeqaa?23 Apr 202401:23:27
#Ep. 3 Dr. Degefa Abdisa's life experience and his contribution to Oromo's struggle for freedom!04 Apr 202401:25:57

aanaa2013@gmail.com

Egeree OROMIYAA 

Dr. Dagafaa waliin


Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan  nama jabaa tokko arganne.

Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.

Support the show

Poem: Here Qaama Koo04 Apr 202400:04:12

aanaa2013@gmail.com

Waggaa 11 dura gaafan Walaloo tana sararu akka keesaa baanu abdiin qaba ture. 
Haa tahu malee anii fi qaamni koo kuni saranas asumaa wal qoccollaa,
Fayyinee wal hin fayyisne,
Akka waan jilaatti asumaa lafa dhiinna
Ciree gatuuf naafummaan sodaadhee, baadhee deemuufis dalaga wal dhoorre….

Hee Qaama koo….

#Qaama Koo!

Ani kanan jedhu, 
want’n si gaafadhu
silaa qaama kooti
waa muree sin gatuu
harki gaafa fayye,
miilatu na nyaataa
gaafa miilli fayye,
mataat bowwaafataa
nattin hafin jedheet,
rifeensis kottonfataa
qubnillee wal dhiiba
waliif hooquu dhiiset,
cinaatti wal jibbaa.

Dhibee guddaan dhoru
utuu ho'ichoon jiruu
cittoon isa weeraree,
fanxoon gudeeda dhaalee
utuma ijaan laaluu,
qubni hooqa dhiiset
ija na waaraanaa,
injiree naa waaddu,
moggaatti dhiifatee
funyaan na rukkuta,
harkis buunyaf, miidhagfatee
ilkeetti na gamaa,
rigee aannan ayeetuu,
fakkeessa jennaan
dhabamsuuf aggaama.

Quboonni koo,
gurraa guurii guuree
kan kunuunsuu male
kabaallaa natti duucha
harkumti koo, qaarutti qiyyaafatee,
ilkaan koo miidhaginaaf oolee, 
seeqeet gammachiisa jennaan 
dubbii dansaafis arraba utubee
wal gargaara jennan
kunoo akka foonii,
kutee na  ciffataa,
kaanis maqaa kiyya fuudheet, 
caccabsee alaanfata.

Arrabni koos tolaa haasawee,
waayillan faarsurra
haamilee isaanii cira
ni araarsa jennaan,
hamiin walittisaan dira.

Miillii koo fiigee,
nyaapha qabuu didee,
jilbi koos wal rigee,
mudaan muddiin dhiige,
qaamni saala kootis,
jabaa dhalcha jennaan
miceeree walitti buusee
Cidhaa lamaan gogsee,
sanyii baasa jennaan,
bishaan adii jissee
wal utuba jennaan,
kunoo wal maseensee!

Hee qaama koo,
egaa akkas tahee
nafa taataa moo naafa ?
hunda ifirraa ciree
akkan sin jijjiirree
heera uumatu naan hirree
garuu kana booda,
garaan mar'umaan tuqnaan
kaleen tiruu miinan
sombi onnee dhiibnan
sammuun kaawwaniif,
tika dhiisnan
miiroonnis sammuuf,
ajajamuu dinnaan,
harki miila murraan,
qubni funyaan urraan
ganaan gurra kaballaan
garaachi kalee dhiinnan
arrabni hami guddifnaan
ilkaan arrabatti roorrifnaan
taa'an baata dadhabnaan
muunneen xu*ii nyaannan,
fagaarri, hoji-idilee dhiifnan
cidhaan qu*uu, kabajuu dhiisnan
gamtaan sanyii, hoomisha dhiisnan,
egereef jechuun, tasuma ni hafa,
naafadhees, hin ta'u naafa
killicha balleessees, hin jiraadhu lafa.

Maqaan baduu mannaa,
mataan baduu wayya
qaama koo qaama koo, 
jedhees sin sossobu
umrii kee dheeressuf, 
abadan sin sobu,
naafa ta'ee,  maalifan jibbamaa,
qaama hir'uus ta’ee, anis awwaalama
killa kiyya fixeen,  achi gaggeeffamaa,

fedhan haa awwaalan,
fedhaan haa gugguban.
kun hafnaan goflola haa ta'u
waraabu na nyaatee, beela naan haa ba'u
qaaman qaba jedhee, fayyina hin dharra'u.

Koo, qoma koo, 
nafa koo, foon koo 
lafee koo, tiruu koo… 
qamoo koo, qoomaa koo…

duuchaatti abdii kutees 
faxoorradhee hin taa’u.
Boru guyyaa biraati, 
maaltu raaga waan ta’u.

Bara, 2013, Shagarab, Suudan

Support the show

Poem Daawitii Seenaa206 Mar 202400:15:34

aanaa2013@gmail.com

DAAWITII SEENAA LAK. 2

Ni yaadattuu bara sana,bara guyyaan dukkanaa’ee,
bara birmadummmaan nu cabuuf jala bultii ta'e,
Bara koodeen  koodee ganee, walirratti bobba'e,
Gadaan laaffataa dhuufee, namuu gonfoo hawwee
haadhoon haadhoo hiddee, akka summii jawwee.

Fincaan 3n Tuullamaa,tokko diina kokkee  qabaa,
inni kaan taa'ee taajjabaa,
Waliif dirmachuu dagatee, alagaaf dhaabbatee
Galaan diinan lollaan, Abbichummoo nyaapha filate.
kaanis cinaasaatti Macci, xis-ximbaa dhiisee,
 Finnasaa walitti qabuun, goojjoosaa hoo'isee,
Akka  waan diinni boru boroo hin seennee,
nyaaphi yeroo itti eeggachuusaa wallaalee,
koodeessaa cabuuf deemuu, cinaa taa'ee ilaale.

Dhumaatii Gullaallee fi Suleen booddee,
diinni akkaan jajjabaattee,
Goobanaan diinatti  michee, 
Tufaa Munaayyuu ganee
Oggaa suusin xoophiyummaa, 
qabuuf miila cirattuu, 
Minilikiiif waadaa seenee
Qusee Diingdeefaan, faana ofii buusee
Diinaf hirkoo tahuun, obbolaan wal cabsee,
Abbaa biyyummaan hafee, ormaaf ashakarii ta'ee
Inni kaan mataan bu'ee hin jiruu, nama jiraan du'ee
Dubbiitiin fala dhabdee, diinni abjuun xiqqaa mitii,
Imala isaa hin dhaabnee, lixaa fi kibba lixaattii
Of ijaaree, hidhatee  waraanasaa bobbaasee,
Inni fagoodhaa kuunnoo jedhan, oggaa kunootti dhiyaatuu,
Inni kaan ni lollaaf hin lolluun, godoo keessatti wal nyaatuu,
Ni gabbarraaf ni lollaan jirraa walii taa’uu,
Walakkaan yoo qolatu walakkaan gabbaruu filaatee,
 Diinni garuu manii gahuu qabu beekaa, yoom achitti dhaabbate.

IJoolleen Saglan iluu, jarri shanan gibee, 
Warri Torban Jaawwii fiixaan Sadeen Liibee,
Ijoolleen Kumsaa Morodaa, fiixaan Jootee Tulluu,
gaafa diinni godootti dhiyaatee, dhabame waliif galluu,
Asii fi achitti nu qoodee, diinni qofa qofaatti nu hiddee,
Oggaa Abisheen falmaa murteessee, 
Garbaa Addaamus Eeboof gaachana sirreessee,
ni lollaan onnee goota kaasuf geerarsa
achumammoo cinaatti Qadiidaa annabee, 
gantuun lammii keessaaa, 
haadhoo gurguratee, gootaa finiinaa san,
Habashaan jiraa awwaaltee,  Abishee soogiddaan
Mataa dibdee loon  mataa ol arraabsiftee, 
Finna Oromoo jabaa san  tuffatamaa gootee
Haamilee dhalootaa, qasham kashaa gootee
keenyuma yaabbattee, keenyumaan nu nyaatte.

Goobanni farda tahee, huddeelamee luugamamee
Argaadhaa jaamee,  fakkaattoota isaa waamee... 
Oromoon birmadummaan, akkasiin mulqamee,
Namummaanuu hirdhatee, mirgisaa sharafmee.
Akkam seenaa dagannaa, 
akkamiin deebinee, gabrummaa filannaa?
Akkamiin abashalli, bara baraa nu  faddalaa,
Maal gaafa taanuu, shirrii dhugaa  dhaalaa?

 Bara sana bara tokko tokkoon, dabareedhan cabne,
Gadaa abdii cittuu dhabnee, nyaapha jalatti kufne.
Oggaa ilmaan Sikkoo-mandoo gamasitti dhiiguu, 
kaan qubayyuu hin qabuu,hirriiba jabaan muguu.
Jaarraa  dacheen wal hanqattee, joolleen Leenjisoo Diigaa, 
Abbaa biyyummaaf, reeffi  tuullamee fakkaatu kaakkaa,
Gaafa dhiigni ijoollee Arsii, lola'ee fakkaatu yaa'a lagaa
Biramannaa dhabee goonnee, 
oggaa qe’eensaayyuu barbadaa’uu
Oggaa tokko qolatee, 
Tokkommoo harkaan boojuu ta’uu
birmannaa dhabaaf, gaafa nyaaphni moo'uu, 
Hireen teenya takka jechuu wallaalanii, 
warri fagoo fi dhihoo taa'anii laalanii
diinni booqaa hin qabuu, isumatu achis dhaqee,
gootota Oromoo cufa, ajjeessee, dhiigan laaqee
Diinni kaayyoo qabaa, Oromoo caccabsee,
 Oromiyaa diiguudhaa, saba guddaa gabroomsee,
Bada gamtaa dhabaaf, humni keenya qoodamee,
 Kunoo gama bahaas, nyaaphi  sardaan itti duulee,
ilmaan Ituu, Anniyyaa fi qomoon Arfan Qallloo
Joolleen Humbannaa, gaafa lola murrto

Support the show

Jiraattonni aanaa Baddallee Maal jedhan?06 Mar 202400:48:01

aanaa2013@gmail.com

Bara 2001, sababa hongee,beelaa nam-tolchee fi gogiinsa godinoota #Harargee lamaan ( Bahaa fi lixa) keessatti uumameen mootummaan naannoo Oromiyaa “…iddoo mijataa sin qubsiifna…”jechuun gara godinoota Wallaggaa fi Ilu Abbaa Booraa kan qubsiifamanii turan.
Uummanni keenya suni keessatti kanneen aanaa #BunnooBaddallee qubsiifaman  dhuguma haala mijataa argatanii jireenyi isaanii wayyaahee jiraachaa turan mo maal keessa jiru?
Turtii Miidiyaa Dhaddacha Oromoo jiraattoota Bunnoo Baddallee waliin godhe caqasaa

Support the show

#Ep. #2: Dr. Degefa Abdisa's life experience and his contribution to Oromo's struggle for freedom!04 Mar 202401:25:57

aanaa2013@gmail.com

Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan  nama jabaa tokko arganne.

Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.

Support the show

Jaarmiyaa tokko maaltu jabaa taasisa?03 Mar 202400:21:59

aanaa2013@gmail.com

#Jaarmiyaa Tokko Maaltu #Jabaa Taasisa?

               -1  -

Dhaabni ykn jaarmiyaan tokko haalli inni ittiin jabaatuufi guddataa deemu karaaleefi roga hundaan waan jaarmiyaan tokko guuttachuudha qabu yoo guuttateedha. Waan hunda caalaa dhaaba tokko kan jabinasaa ibsuufi daran bu'a qabeessa isa taasisu :

1). Akeekaafi kaayyoo inni ittiin dhaabbateefi muldhata inni ittiin saba bilisummaa argachuu qaba jedhee qabsaawuuf sanadha. Kaayyoofi akeekni jaarmiyaa tokkoo ifaafii qajeelaa tahuu qaba.Kunis salphaa dhumatti uummatasaa keessatti habaqaaluufi fudhachiisuf lammii akeeka kanaaf jiraatu oomishuu dandaha.
2).  Hooggantootaa qeenxee irra hooggantootaa waliin waliin walfaana tarkaanfatan, dambooboo, fi ayyaan qabeeyyii akka-abbaa muldhata qabaatoo fi dabballoota muratoo fi amanamoo qabaachuu,
3).  Dhaabni ittiin bulmaatafi heera wayyabni lafa kaayate laalaafi ittiin bulaa, loogii fi  haalduree tokko maleetti hojiitti hiikaa deemu yoomiyyuu bu'aa buusaa deema.
4).  Madda diinaagdee jabaa fi yaada diingdeen ittii burqee kaayyoo irratti dhaabbatan hojiirra oolchuf nama geessu kan yeroo ammee fi dheeraa keessatti fayyadaman qabaachuu fi dudduubbee amansiisaa sabasaa keessa qabaachuu,
5).  Dhaabni ilaalchaa galaana gadaantummaa akka gandummaa, amantii fi garee xiqqashoo dantaa waloo caalaa dhuunfaa qabaniiniin of tiksuu irraa walaba tahe yoomiyyuu injifataa fi giddugaleessummaa sabaatin jaallatamaa dha,

6).  Kallattii hundaan jaarmiyaan keessumaa qabsoon karaa riphe lolaan godhamu tooftaa fi fir-horachuu,
7). Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsuu
8. Of Ilaalleen jaarmiyaa sanaa kaleessa sabichaa thauu qaba. Kaleessa fi hardha walitti hidhuun boruu ykn egeree sabichaa uumuun ni dandahama waan taheef keessumaa kalee saba keenyaa ganneerra taanan jidduutti walammee taana. Mee yaadota kanneen tokko tokkoon laaluu yaallatii na hordofaa.


Support the show

Poem: Bara Sana21 Feb 202400:05:00
CONFERENCE: DHUMAATII SAGALEE IYYANNAA DHABE21 Feb 202400:51:22

aanaa2013@gmail.com

https://www.youtube.com/live/DG42yGOMYg4?si=Tc9v3280Aocpq2O1

Barbaachisummaa miidiyaa fi hanqinoota yeroo ammaa gama miidiyaan qabnu irratti  Dr.Dagafaa, Bilisummaa fi Caalaan  marii kallattii gaggeessan

Support the show

#Ep. #1: Dr. Degefa Abdisa's life experience and his contribution to Oromo's struggle for freedom!03 Feb 202401:22:45

aanaa2013@gmail.com

Egeree OROMIYAA  turtii Dr. Dagafaa waliin goonee caqasaa. Karaa Youtube armaan gadiis daawwachuu dandeessu.
https://www.youtube.com/live/jfg3quojm6g?si=lhc1Sk-34CLbb4EC
https://www.youtube.com/live/y0RzLLiW2No?si=NYWigbDLlGOPV5SA

Kaleessa malee hardhi hin jiru; hardhi waan jiruuf borus ni jiraata. Kunimmoo seera uumaa fi uumamaati.

Warri kaleessa turan nuuf Daawitee Egeree OROMIYAA, jiruu fi jireenyaa qofa osoo hin taane godambaa seenaa kan Waan hedduu dhaloonni irraa argatuu dha.

Dhaloonni amma jiru warra kaleessa jiraatanii hardhas lubbuun jiran irraa waan baratu baratee hardha kan harkasaa jiru ogummaa fi qaruuxummaan hojjatee egeree ofii fi dhalootaa tolfachuun dirqama keenya.

Kanaaf warra bara dukkanaa turan irraa egeree Oromiyaaf waa iyyaafanna…

Warra kaleessa jiraatanii hardhas nuwaliin jiranii fi jaboo akkuma bara qeerrummaa fi ga’eessummaa isaanii kan tahan  nama jabaa tokko arganne.

Keessummaan keenya hardhaa, qaroo, hayyuu, sabboonaa, namni taphaataa fi yeroo hunda fuula isaanii irraa gammachuu fi milkii himoo fakkaatan Dr. Dagafaa Abdisaa ti.

Dr. Gama tokkoon hundeessitoota MDhO fi ammallee gaafatamaa MDhO yoo tahan akka keessummaatti dhiyaachuu keessaniif galanni keessan guddaa dha.



Mee hardha akka dur gara ijoo dubbii Oromoo osoo hin taanee gara jiruu fi jireenya, muuxannoo, injifannoo fi bu’aa bayii akka namaatti keessa dabartanii as geessan irraa dubbanna.

Support the show

𝕄𝔸ℕ𝔻𝔸ℝ𝕆𝕆𝕋𝔸 𝔽𝕀 𝕄𝔸𝔾𝔸𝔸𝕃𝔸𝔸𝕎𝕎𝔸ℕ 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝕐𝔸𝔸 - 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝔸ℕ 𝕋𝕆𝕎ℕ𝕊 𝔸ℕ𝔻 ℂ𝕀𝕋𝕀𝔼𝕊 𝕂𝕦𝕥𝕒𝕒 𝔻𝕦𝕣𝕒𝕒 T̈́ä́ä́m̈́m̈́ä́n̈́ä́ä́ B̈́ḯẗ́ḯm̈́ä́ä́ irraa26 Jan 202400:39:59

aanaa2013@gmail.com



𝕄𝔸ℕ𝔻𝔸ℝ𝕆𝕆𝕋𝔸 𝔽𝕀 𝕄𝔸𝔾𝔸𝔸𝕃𝔸𝔸𝕎𝕎𝔸ℕ 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝕐𝔸𝔸 - 𝕆ℝ𝕆𝕄𝕀𝔸ℕ 𝕋𝕆𝕎ℕ𝕊 𝔸ℕ𝔻 ℂ𝕀𝕋𝕀𝔼𝕊
𝕂𝕦𝕥𝕒𝕒 𝔻𝕦𝕣𝕒𝕒
 
T̈́ä́ä́m̈́m̈́ä́n̈́ä́ä́ B̈́ḯẗ́ḯm̈́ä́ä́ irraa
 
DURADUBBII
 
Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo harra irraa kaaseen mataduree kanaa olitti kaayame jalatti waa isiniif dhiyeessaa, mee na hoofkalchaa! Kanas hamma naaf dandayametti guutuu taasisuunan guutee, irra bash-bash gochuun isiniif dhiyeessa. Garuu, yaa Oromoo koo akkana gochuuf laalleewwan (infoormeshina) guutuu qabaachuutu nama irra jira. Haala uummanni keenya Oromoon keessa jiruu fi dukkana wallaalummaa koloneeffattoonni Habashaa nu aguuggachiisan irraa kan ka'een, laalleewwan barbaadaman guutumatti argachuun rakkisaa dha. Haatahu malee, hammuma jiru irraa ka'anii waliif ibsuutu irra bu'aa qaba. Guutuu eeggachuuf, guutumatti harka maratanii taa'uun kana nama baasuu miti.
 
SEENSA
 
Jechi "mandara" jedhamu kun jechoota Oromoo isa "mana"-a fi "daramuu" (man + dara = mandara) jedhamu irraa kan baafame. "Manneen walitti daramanii" jechuun "walitti raramanii" jiran jechaa dha. Mandara jechuuf "magaalattii" jechuunis ni dandayama. Maaltu dhabame, afaan keenya Afaan Oromoo, afaan nadhii dammaa kun sonaan dureessawoo! Amma mallin ani itti-dhiyeessu godina Oromiyaa tokko fudhachuun mandaroota fi magaalaawwan godina san keessatti argaman cufa tarreessuu dha. Kanas akka barumsaaf Dhaloota Qubee kiyyatti toluufan magaalmataa godina sanii irraa, karaa konkolaataa isaa hedduu guddaa tahe qabachuun kanneen karaa san irratti argaman hunda tarreessa. Fakkeenyaaf: Assallaa irraa ka'uun: Saaguree, Boqojjii, Asaasa, Dodoola, Adaabba faa. Isaan karaa guddicha san irratti hin argamnes achumaan dhiyeeffamu.
 
Ammaaf mee Shaggar shaggaa keenya, Finfinnee finna keenya irraa ka'uunan gara Ambootti qajeela. Yaa Oromoo kiyya, Amboon yoon jalqabe isin marti Amboof harka-rukuttu jedheen yaada. Ambo keessanitti kanatu guddatee-ree? Ani dur Ambo Shaggar keenya irraa wantee (kiilomeetira) 125 fagaachuu isaan beeka. Ani karaa asfaaltii warri Habashaa wagaalee 70 keessatti ijaaruu dhaddhabee, warri Xaaliyaanii waggaa shan keessatti ijaare tokko tokkoonan beeka. Biyya Torban Kuttaayee kana balaa-muka isaallee nan beeka. Garuu, amma warri Wayyaanee "keenya" Ambo gara Shaggaritti waan siiqisaniif kiiloomeetira 105 tahee jira jechaan dhagaye. Wayyaaneen Ambo mararfatteetii mitii, silaa Amboo fi ishiin ibiddaa fi citaa dhaa, amma waan biraa dhiifnee qalbiin karaa keenya qabannee gara Ambootti haa xuruurru!
QAAMADUBBII
 
Egaa mee amma walqabannee, konkolaatadhaan yookaan farda Oromoo isa "farda Jiddaa" jedhamuun Shaggar irraa kaanee gara Ambootti haa qajeellu! Ambo keessan kun jagna qofa otoo hin taane, arjaa dhasiwoo "ni beelofna, ni dheebonna" jetteenii waa tokkollee hin yaadayinaa….
 

       Itti-fufa ... !
 Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

 

Support the show

Tokkummaa akka sabaatti qabnuun gantoota maalin of keessaa buqqisna?14 Jan 202401:44:42

aanaa2013@gmail.com

Marii kana keessatti Dr Dagafaa Abdiisaa MSG fi GS ABO duraanii akkasumas  daarikteera fayyaa Hospitaala Leenca Gurraacha kan turan, J/ Ayyaanaa Goobanaa, ogeessaa diinagdee fi qondaala ABO fi Caalaa Hayiluu waloo fi barreessaa tahuun dhimmoota armaan gadii irratti dubbataan.
1. Sochii QBO keessatti shoora Qeerroo fi gurmaayinsa Qeeroof gahee ABO
2. Gabootaa yeroo yeroon QBO ganan sababa fi tokkummaan sabni akkamiin of keessaa buqushaa
3. Olola miidiyaa tiin balbala galaanaa arganne jechuun BILXIGINNAAN xooxessituu fi rakkinoota ololli kuni qabatee dhufu
4. Dantaan Oromoo akka sabaa fi uummataattii akkasumas akka OROMIYAA tti maal taha jedhamuu qabxiilee biroo irratti marii dheeraa taasisan.
caqasaa  nu deeggaraa.

Support the show

Yaada Kitaaba J/ Abbaa Caalaa Lataa irratti11 Jan 202400:19:39

aanaa2013@gmail.com

Kitaaba kana baatii darben ( Fulbaana,2022) dubbisee fixe. Kitaabicha dubbisuu Jalqabnaan dhaabuun hin jiru waan taheef guyyaa lama keessattin xummure. Hunduu bitadhaa dibbbisaan jedha.


Qabiyyeen Kitaaba Jaal Abbaa Caalaa kuni seen-gulummoo matayyaa isaanii :-

a. Ijoollummaa- hanga barnoota jalqabanii

b. Haalaa baruu fi barsiisuu fi didhaalee hanga barnoota xummuranitti argan

c . Bara Yunibarsiitii turanii fi hirmaannaa sochii QBO jalqabaa keessatti taasisan

d. Duulaa barnootan Arsii deemuu fi muudannoolee achitti turan

e. Barnoota xummuruu fi jaarmaa laf-jalaa keessatti qooda fudhachuu

f . Qabsoo Qawwee jalqabuuf sochii Dambi Doolloo fi didamnaan imala Dambii Doolloo gara Mattuu – Finfinnee

g. Dirree Baha Oromiyaatti bahuu fi taajjabbii haala WBO dirree bahaa keessa ture. Keessatti amala fi dandeettii Jaarraa Abbaa Gaadaa, wareegama Qabsaahota Oromoo ( Wal ajjeechaa J/ Baaroo Tumsaa fi J/ Badhoo Dachaas)

h. Godaansa sadaffaa ( Baha Oromiyaa ti gara Ijabuutii 

i. Ijabuutii gara Sudan deemuu 

j. Qabsoo hidhannoof leenjii waraanaa fudhachuuf Eritrea deemuu fi imala gammoojjii Saahel akkasumas turmaata dirree leenjii

k. WBO lixa Oromiyaatti gadi dhaabuu hanga bara 1991( cehumsaatti)

l. Bara cehumsaa booddee qormaatalee hanga bara 1998 Eritreatti ABOn simatamutti

m. Bara 1998- hanga bara 2018

n. 2018 tti Oromiyaatti deebi’uu dhaabaa waliin Wal qabatee qooddannaa miiraa fi taajjabbii haala biyyaa…

Waan hunda dura Jaal Abbaa Caalaa Lataa, kitaabicha barreessuu qofaaf osoo hin taanee wareegama hadhooftuu tilmaamuu hin dandeenye saba kanaaf jecha umrii dargaggummaadhaa hanga yeroo hardhaatti baasaa jiraniif galanni dachaa haa tahuuf. Silaas galanni qabsaawaadhaa BILISUMMAA SABAA waan taheef Waaqayyoon umrii dheertuu haa laatufiitii daran sanyiin isaan facaasan margee bargaagee bilchoo tahee nyaatamuu isaa haa arganin jedha.

Abbaan Caalaa qabsaawaa qofa osoo hin taanee nama dandeettii barreessuutti ogummaa addaa qabuu dha. Seenaa guddaa waggaa 50tti dhiyaatu haala baayyee gabaabaa, bareedaa fi hawwataa taheen akkasitti dhiyeessuun ogummaa jabduu gaafata. Kanarraa wanti tilmaamuu dandeenyu Abbaan Caalaa dubbisaa jabaa tahuu isaaniti. Nama dubbisutu waan baroo fi dansaa akkasii seenaa xaxaamaa fi dheeraa kitraabni fuulli kumootaan irratti barreeffamu seecca’ee namaaf dhiyeessa. Dhugaa dubbachuuf haalli kitaaba kana itti barreessan waanuma ajaayibaati.

Akkumaa isaanuu jedhan seenaa mataa ofii barreessuun waan baayyee ulfaataa keessaa isa duraati. Waayee namaa kuultee kukkultee feetummoo ajeessitee barreessun salphachuu mala, waayee keetii barreessitee namaaf dhiyeessun akkaan ulfaata. Haa tahu malee seenaan Abbaa Caalaa, akkuma mata duree kitaabichaa, ‘Abbaa Caalaa Lataa, Jireenyaa fi Qabsoo ABO’ ti.

Waayee ABO kaaftee seenessita taanan, keessafuu kan dirree dhiyaa, akkan kitaaba kana dubbiosetti Abbaa Caalaa osoo hin kaasin seenessuus tahee himuu hin dandeechu. Wareegama hadhooftuu, aarsaa ulfaataa saba Kanaaf baasan. Silaa akka oolmaa isaan saba kanaa oolaniiti Sabni kuni mataatti baata ture. Garuu hamma Sabni keenya hubatutu ammayyuu diqqaa dha waan taheef hanga hunduu hubatutti yeroon ni tura.

Haa tahu malee qabsoo kanaaf waan qabsaahonni Oromoo akka J/ Abbaa Caalaa tahan kuni aarsaa duwwaa miti, Arjummaa, gootummaa, sabboonummaa,Oromummaa, obsaa fi qaroomina guddaa dha.

Abbaan Caalaa seenaan bara ijollummaa isaanii akka maq-balleessituun olola adda addaa irratti oofuudhaan ilmaan baal-abbataa kan rakkoo takkaa hin garree fi rakkkoonuu maal akka taate hin beekne jedhanii irratti ololan osoo hin taanee kanuma dhala ilmaan qote bulaa Oromoo hedduuti jechuu dandeenya. Yeroon waayee bara ijoollummaa is

Support the show

State terrorism (shororkeessummaa mootummaa): Dr. Dagafaan yaalii ajjeechaa irraa fayyanii dhugaa Oromoo dubbachaa jiru.21 Dec 202301:37:52

aanaa2013@gmail.com

Qaroo fi gameessi QBO, kan saba Isaaniif jechaa wareegama hedduu kaffalan kan dhugaa saba Oromoof qofa jiraatan Jaal Dr. Dagafaa Abdiisaa Tuuchoo yaalii ajjeechaa murni Bilxiginnaa irratti aggaamte irraa fayyanii ammas sagalee saba isaanif tahaa jiru. 

Dr. Dagafaan waayee shororkeessummaa fi shororkessummaa mootummaan raawwatu (State terrorisma)irratti Jaal Ayyaanaa Goobanaa waliin marii godhan kana caqasaa.


State terrorism refers to acts of terrorism which a state conducts against another state or against its own citizens.
Acts of terrorism include threats of terrorism; assassinations; kidnappings; hijackings; bomb scares and bombings; cyber attacks (computer-based); and the use of chemical, biological, nuclear and radiological weapons.


Support the show

Yaalii Ajjeechaa Dr. Dagafaa Abdiisaa miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO duraanii kan turanii fi yeroo ammaatti Gaafatamaa MDhO kan tahan irratti yaalame.28 Nov 202301:15:06

aanaa2013@gmail.com

 Yaalii Ajjeechaa Dr. Dagafaa  Abdiisaa miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO duraanii kan turanii fi yeroo ammaatti Gaafatamaa MDhO kan tahan irratti  yaalame.

Support the show

Argaa dhageettii Oromoo21 Nov 202300:03:31
Abiy fi Oromoo21 Nov 202300:06:00
Doorii Yaanaa: Weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa21 Nov 202300:04:11
Afaan Oromoo Music | Oromo Classical Music Collection21 Nov 202300:30:43
Muuziqaa Oromoo Abdallaa Huseen, Saani Adiin Faaya21 Nov 202300:05:40
Walaloo dhumaatii uummata Oromoo Salaalee21 Nov 202300:00:24
Certain essential qualities for a good writer31 Oct 202300:09:59
Yaadannoo weellistuu fi qabsooftuu Oromoo Halloo Dawwee28 Oct 202301:59:55
MDhO/MCO: OROMOON BEELAA FI WARAANANN DHUMAA JIRA- MARII MAATII MIIDIYAA DHADDACHA OROMOO21 Oct 202302:26:01

aanaa2013@gmail.com

MDhO/MCO: 17/10/2023 MARII MAATII MIIDIYAA DHADDACHA OROMOO

MDhO/MCO: 17/10/2023 MARII MAATII MIIDIYAA DHADDACHA OROMOO Waliin dhimma

Waaraana OROMIYAA keessatti deemaa jiruu fi Beela nam-tolcheen uummata keenya dhumaataa jiruuf nuti maal gochuu dandeenya?

Support the show

Of tahuu fi Irreecha Oromoo fi Oromummaa - Oromo Thanksgiving holiday18 Sep 202301:39:24

aanaa2013@gmail.com

Irreecha (also called Irreessa or Dhibaayyuu), is a Thanksgiving holiday celebrating the end of the winter in the Oromia Region, Ethiopia. The Oromo people celebrate Irreecha to thank Waaqa (God) for the blessings and mercies they have received throughout the previous year. The Irreecha festival is celebrated every year at the beginning of Birraa (Spring), the new season after the dark and rainy winter season. It is attended by hundreds of thousands of people. The thanksgiving is celebrated at sacred lakes across Oromia Region like the Hora Finfinne and Hora Harsadi, Bishoftu, Oromia Region as a whole. Once at the lake, festival-goers immerse in freshly cut green grass and the flowers they are carrying and sprinkle themselves and place in water.

Caalaa Hayiluu dhaggeeffadhaa 

Support the show

#BURREE KOO #Oromo#poem by Caalaa Hayiluu11 Sep 202300:01:46

aanaa2013@gmail.com

#Burreekoo!

Burree koo yaa haadha Daalee, 
yaa haadha Boorri fi Sooree,
 Burruus si tiksuuf du’aa,
Daaleen si hodhuuf gu’a,
Boorriin roorroo kee jibbaa,
Sooree fi magaaltu ,
sirratti wal dhiibaa
Akkuma bifa kee,
bubburree lafa guuttee,
Akkuma amala kee, 
cucurree guddiftee,
Kan jabaattee sin boqachiifnee, 
kan laaffattees, sinjibbaannee…
Burree haadha goromsaa fi kormaa,
Taadhii mirgituu ollaaf ormaa,
Kaan Siif jedheet kenna mormaa,
Kaanimmoo garaaf 9 gurguramaa,
Kaan humna dhabeet 
cabaatti gumgumaa…
Yoo Siif darbaree, 
yoom dirri kee dhiiga balfa?
Cooniin kee saranaa ,
dhiiga ilmaan kee qofaa,
Qe’een addiyyoomee,
Yoom faggifta mataa bofaa,
nagaan kee yoom dhufaa,  
dhalli kee yoom aannan kee quufaa??

Support the show

Maddi gandummaa siyaasa dhokataa Oromoo Xoophiyaa jalatti hidhuuf godhamuu dha.28 Aug 202301:17:57

aanaa2013@gmail.com

Marii Yaadakool, Beekan fi Caalan taasisan

Support the show

Lola Habashaa Fi Bilxiginnaa14 Aug 202301:39:09
Qabsoo Oromoo fi shira diinaa akkamiin irra aanna?07 Aug 202301:21:46
Gadaa Labsina, Oromo new music by Bashaadaa Nagahoo21 Jul 202300:06:25
Adoolessa 2023/Haala hubannaa Siyaasaa Oromoo waliigalaa fi gara fulduraa gaaffii fi deebii Dave Dr. Baaroo waliin taasise21 Jul 202301:29:15

aanaa2013@gmail.com

Haal siyaasa Oromoo fi shira diinaa  mata duree jedhu jalatti haala hubannaa Siyaasaa Oromoo waliigalaa fi gara fulduraa gaaffii fi deebii Dave Dr. Baaroo waliin taasise

Support the show

Adoolessa 2023, Maaltu deddeemaa jiraa? Marii Caalaa Fi Dave21 Jul 202301:23:36

aanaa2013@gmail.com

MDhO: Adoolessa /2023 Maaltu deddeemaa jiraa?

MDhO: Adoolessa /2023 Maaltu deddeemaa jiraa? jedhu jalatti rogeessaa fi qopheessaa miidiyaa Waadaa kan tahe Dave Abdiwaaq waliin marii qabxiilee armaan gadii irratti taasifna.

1.Callisaa fi waca Diyaasporaa hiika malee fi kan hiikoo qabu…

2. Qophiilee adda addaa Diyaasporaan qopheessaa jiru xiinxaluu ( warra hordofaa jiruuf)

3. Haala fi bifa addaan itti fufiinsa hidhaa fi ukkaamsaa miseensota ABO irratti aggaamame…

Support the show

The legacy of Aaddee #NuureeMaammee and how do we remember and pass on her incredible works to the next generation?18 Jun 202301:05:51

aanaa2013@gmail.com

Sad News 

The mother of the Oromo community and the umbrella of the Oromo community in #Sweden.

Ad Nuure passed away recently after a long illness.  Ad Nuuree represented or took duty in the Swedish Community during the worst times in Oromia, during the FDG and student movement in OROMIA especially from 2000-2018, to visit prisons in various places to visit and assist prisoners, especially members of #WaldaaMaccaaTuullamaa and leaders of the association were traveling around the country and providing support in all ways. 

She was also a leading figure in the field of support for the Oromo refugees in neighboring countries such as #Kenya, #Djibouti, #Somalia and #Sudan is. 

In addition, she was the voice of Oromo in various protests by being a Community Committee and organizing events in Sweden.  Ad Nuuree was a strong and fearless woman. Ad Nuuree was a very loving and sympathetic person to her people. 

We are so sad to lose Ad Nuuree, a strong mother, who looked at everyone with one eye! 
We wish condolences to all the relatives, friends and members of the Oromo Community, especially the #OromoCommunityGroup. 

The funeral will be held on October 21/2023 in Stockholm at a special place :

Skogskyrkogården
                   Heliga Korsets Kapell
                   Farsta
    T-bana  Skogskyrkogården
         Going to No 18
.




Gaaddisa keenyatu jige!

Haadha hawaasa Oromoo fi gaaddisa hawaasa Oromoo biyya #Sweden kan turte aaddee #NuureeMaammee erga yeroo dheeraa dhukkubsachaa turtee jidduu kana fuula waaqaa deeman.

Aaddee Nuureen baroota akka malee hammaatoo yeroo OROMIYAA keessatti FDG fi sochiin barattootaa keessattuu bara 2000-2018 ture keessatti Hawaasa biyya Sweden bakka buutee ykn dirqama fudhattee manneen hidhaa iddoo gara garaa deemun hidhamaa gaafachuu fi gargaaruu, keessattuu miseensota #WaldaaMaccaaTuullamaa fi hooggantoonni waldichaa yeroo hidhama turan biyyatti deddeebi’uun deeggarsa karaa hundaa taasisaa turan. 
Qabsoo Bilisummaa Oromoos karaa hundaan kan tinnisaa turan aaddee Nuureen Kana malees baqattootaa Oromoo biyyoota ollaa akka #Keenya, #Jibutii, #Somaaliyaa fi #Sudaan keessatti rakkatan, dhukkubsatanii rakooolee gara garaaf saaxilaamaa turan deeggarsa gara garaa dhuunfaa fi akka hawaasatti nama adda dureen tattaafataa turanii dha.
Kana malees qophiilee biyya Sweden keessatti  qophaayaa turan, koree Hawaasaa tahuu fi qindeessuu dhaan hiriira mormii adda addaa irratti sagalee Oromoo tahuun,  aadaan Oromoo akka Irreechaa  biyya Swwden keessatti baratamu warra jalqaba irraa hirmaachaa fi hirmaachisaaturanii dha. Haadha jabduu fi Shata laafettii, hunda kan ija tokkoon ilaaa turan aaddee Nuuree dhabuun keenya hedduu nu gaddisiise!
Firaa fiixaa, maayaa maatii fi miseensota Hawaasa Oromoo hunda keessattuu hawaasaa ijaaramuu fi jajjabaachuu isaaf qooda guddaa miseensota #GurmuuHawaasaOromoo hundaaf jajjabina hawwaaf.
Aaddee Nuuree dubartii jabduu, arjaa garaan qulqulluu kan sodaa hin qabneedha. Bara 2013 Oromiyaa yeroo deeman barreeffamoota Ani katabaa turee lubbuu tiyya baafachuu gatee baqadhe  deemtee walitti qabdee nabiraan geeche keessa nama tokko.
Kitaaba kiyya #Hadhooftuu kan bara 2014 maxxanfame Oromiyaa deemtee akka Beekan Erena xummura itti godhu warra godhe keessaa nama hangafa.
Aaddee Nuureen nama baayyee saba ishee jaalattuu fi mararfattu turan.
Ilmi namaa addunyaa kana gatee godaanun  heera uumaa ti; hojiin isaan hojjatan garuu bara baraan jiraata. Egaa maal jedhan biyyoon itti haa salphatu;ayyaanni isaanii dhaloota waliin haa waaru!

Guyyan awwaalcha addee Nuuree gaafa Waxabajjii 21/2023 magaalaa Stockholm  bakka addaa 

   

Support the show

Poem about LOVE by Chala H Abate30 May 202300:02:09
Qophii Egeree Oromiyaa30 May 202301:18:43

aanaa2013@gmail.com

MDhO/MCO: Caamsaa 30/2023 Qophii Egeree Oromiyaa
Sagantaa keenya hardhaa keessatti Rogeessa fi qopheessaa Miidiyaa Waadaa Dave Abdiwaaq waliin marii goona nu caqasaa waliif qoodaa!
https://www.youtube.com/live/ejrF6aJMD9Q?feature=share


Support the show

Music; Birraa Wal agarra by Galaanaa Gaaromsaa21 May 202300:07:13
Poem : Walaloo, Gootota Oromoof, Caalaa Hayiluutiin21 May 202300:18:52
© My Podcast Data · Independent project · Data from Apple & Spotify